AMN PLUS- Onkoloolessa 10/2018
“Abbaa gaariifi barsiisaa qajeelaa turani” jedhan Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, sirna gaggeessaa Haji Muftii Umar Indiriis galma Bar-kumee keessatti adeemsifamaa jiru irratti haasaa taasisaniin.
Beekumsa isaanii qooduun, gumaacha gaarii taasisaniin yaadatamaa jiraachuu kan kaasan Pirezidaanti Taayyeen, tasgabbii, ogummaa, eebbaafi gaarummaa isaaniin fakkeenyummaan isaanii yoom illee akka hin dagatamne ibsaniiru.
Bakka irraa hin hafamnetti yoo isaan gaggeessinu hojii gaarii isaanii yaadachaa, akkuma nagaa labsaa turan nagaan isaan gaggeessina kan jedhan Pirezidaanti Taayyyeen, maatii, firootaafi hundumaaf jajjabina hawwaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin