Halellaa Iraan buufata waraana Ameerikaa irrati raawwattef Kuwaatar haaloo bahuuf dhaaddate

You are currently viewing Halellaa Iraan buufata waraana Ameerikaa irrati raawwattef Kuwaatar haaloo bahuuf dhaaddate

AMN PLUS- Waxabajjii 16/2017

Mootummaan Kuwaatar haleellaa Iraan buufata Waraana Ameerikaa kan biyyattiitti argamurratti raawwatte balaaleffachuun haleellaa wal gituun Iraan haaloo akka baatu Dubbii Himaan Ministira Dhimma Alaa biyyatti Maajed Al- Ansar himan.

Haleellaa Iraan daangaa biyyattii humnaan cabsuun raawwatte Seera Idil-addunyaa ifatti kan cabsee, birmadummaa keenya kan sarbeefi Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan cabseedha kan jedhan Al- Ansaar Kuwaatar deebii quubsaa kennuuf akka dirqamtu ibsaniiru.

Qondaaltichi itti dabaluun haleellaa Iraan raawwatte qolachuuf duula taasifamee haleelicha fashaalessuu Ibseera.

Mootummaan Kuwaatar kan Yeroo Kamiiyyuu Caalaa nageenyummaa lammiilee Ameerikaafi Michuushee akka tiksu himeera.

Haleellaa kanaanis miidhaa tokkooyyu lammileerra akka hin geenye Ministirri Dhimma Alaa biyyattii ibsuu Aljazeran gabaaseera.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply