Uummanni Itoophiyaa cunqursaa afaan, aadaafi seenaa irra jiru qolachuuf qabsoo adda addaa taasisaa akka ture Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa kan ta’an Aadde Nagaasee Baayisaa ibsan.
Qabsoon mirga Uummataas heera mootummaa Itoophiyaa bara 1987 jalqabeen hojiirra oolaa akka ture kan himan Aadde Nagaaseen imala jijjiiramaatiin wal-qixxummaan sabootaafi Sablammootaa akka mirkanaa’e turtii AMN PLUS qophii Roga Dubbii irratti ibsaniiru.
Sirni federaalaa Itoophiyaa sab-daneessummaa mirkaneessuun wal-qixxummaa afaanii, aadaafi seenaa sabootaa, sab-lammootaa fi uummatootaa dhugoomsuun bu’uurri mirga hawaasaa, siyaasaafi dinagdee akka dagaagu taasisuu isaa dubbataniiru.
”Faayidaan siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa akka mirkanaa’u heeraan sirna federaalizimii duraanii irratti haa barreeffamuu malee hojiirra oolmaan isaa gahaa miti” kan jedhan Aadde Nagaaseen jijjiirama booda wal-qixxummaan sabootaa, sab-lammootaa fi uummatootaa akka dagaagee mul’achaa jiru kaasaniiru.
Aadde Nagaaseen, “hanqina raawwiitu keessa ture malee, bu’uurri sirna federaaliizimii rakkoo hin qabu” jechuun ibsaniiru.

Caseeffama sirna duraanitiin hirmaannaan dubartootaa baay’ee akka hin jirre kan ibsan Aadde Nagaaseen, mootummaan jijjiiramaa hoggansaa dubartootaaf dursa kennee waan hedduu akka fooyyesse dubbataniiru.
Aadde Nagaaseen bu’aan jijjiiraman argame guddaa akka ta’e kan himan, hacuuccaan yaada bilisaan ibsachuu irra ture sirna duraanii keessatti calaqqiisifamaa ture sun amma akka hin jirres kaasaniiru.
Paartileen morkattootaa yaada isaanii bilisaan kaasuun akka ibsachaa jiran kan himan miseensi Mana Mare Bakka Bu’oota Uummataa, bu’aan argames kan hoggansa jijjiiramaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Gama misoomaatiin aadaan hojii kan jijjiiramuu eeruun jallisii fayyadamuun waggaatti al-tokko irraa yeroo lamaafi sanii ol oomishuun akka danda’ame kan dubbataniiru.
Qabeenya tuurizimii biyyi qabduunis hojiin guddaan akka hojjetame ibsaniiru.
”Tarkaanfiin akka biyyaatti qabeenya uumamaatti fayyadamuuf eegalame agarsiistuu leecalloo ofiitti fayyadamuu akka ta’e himuun, oomishni boba’aa uumamaa eegale ol-ka’iinsa biyyaa kan mirkaneessuudha” jedhaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu qindeesse