Hantuutni tapha Weelsi fi Beeljiyeem yeroof dhaabde

You are currently viewing Hantuutni tapha Weelsi fi Beeljiyeem yeroof dhaabde

AMN PLUS- Onkoloolessa 04/2018

Gulaallii Waancaa Addunyaan taphni Weelsiifi Beljiyeem sababa hantuutni dirree seenteef yeroof dhaabbate.

Tapha Beeljeem goolii 4-2’n injifatte kana irratti hantuutni daqiiqaa 65ffaarratti dirree seenuusheeen taphichi adda citee ture.

Hantuutni kun dirreedhaa haga baatuttis abbaan murtii lammii Jarmanii Daani’eel Siyeebert taphicha addaan kutanii turani.

Taphataan Weelsifi Tootenaam Bireenaan Joonsan hantuuta kana dirree keessa osoo hari’uu ilaaluun deeggartoonni bashannanaa turani.

Karra eegaan Beeljiyeemiifi Reyaal Maadiriid Tiiboo Koortowaanis hantuuta kana harkaan qabee baasuuf yoo jedhu harkaa miliquun rakkisaatii turte.

Daqiiqaa muraasaafis iji kaameeraa fi miirri deeggartootaa hantuuta kanarra ta’uun, boodarra ofumashee gaafa baatu taphichi itti fufuu danda’eera.

Deeggartootni yaadota nama seeqqachiisan laachaa turan. Inni tokko “Gooliin Koortowaarratti lakkoofsifame kan Hantuutaati” jedhe. Deeggaraan biraa ammoo, “Hantuutni taphataa cimaa (Man of the Match) taate” jedhee maxxansuu The Sun dubbisiiseera.

Kana dura dirree Oldi Tiraafoorditti hantuutni mul’achuun ijoo dubbii miidiyaalee ture. Adurreefi Sareenis guddistoota harkaa miliquun dirree yeroo seenan amaleeffatamaadha.

Taateewwan knneen deeggartoota dhiphina keessa jiraniif akka madda bashannanaa ta’anis, tapha garuu yeroof gufachiisuun hin oolu.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply