Hawaasaatti Riizoortii Birrii biiliyoona 2.6 ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

You are currently viewing Hawaasaatti Riizoortii Birrii biiliyoona 2.6 ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

AMN PLUS- Guraandhala 6, 2017

Midrook Invastimanti Giruuppi Magaalaa Hawaasaatti Riizoortii Birrii biiliyoona 2.6’n ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Riizoortii kun lafa Kaaree meetira kuma 21 irratti ijaarama jedhame.

Ijaarsi isaa waggaa lama keessatti kan xumuramu ta’uu ibsameera.

Riizoortiin Qananii kun waayita xumurame lammiilee 350 oliif carraa hojii dhaabbii uumuu danda’a jedhameera.

Adeemsi ijaarsa isaa ammoo lammiilee 500 oliif caraa hojii kan uumu ta’uu ibsameera.

Riizoortichi hawwata Tuurizimii magaalichaa caalmaatti cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuus eerameera.

Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon dhagaa bu’uuraa kana kaa’uu eerameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply