Hawaasni Muslimaa Ayyaana Arafaa wayita kabaju tokkummaafi walgargaaruun ta’uu akka qabu Hajii Ibraahim Tufaa dubbatan

You are currently viewing Hawaasni Muslimaa Ayyaana Arafaa wayita kabaju tokkummaafi walgargaaruun ta’uu akka qabu Hajii Ibraahim Tufaa dubbatan

AMN PLUS-Caamsaa 27/17

Hawaasni Muslimaa Ayyaana Arafaa wayita kabaju duudhaa amantichaa eeguun tokkummaa fi walgargaaruun tahuu akka qabu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Hajii Ibraahim Tufaan ibsan.

Pireezidaantiin Mana Marichaa Hajii Ibraahim Tufaan Ayyaana Arafaa waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Arafaa bara kanaa juma’aarra ooluun adda isa taasisaas itti dabaluun pireezidaantichi ibsaniiru.

Ayyaanichi Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Finfinnee fi Bulchiinsa Magaalatti waliin qindoominaan kabajuuf qophiin barbaachisu xumuramunis ibsameera.

Hajii Ibraahim ibsa isaaniin Ayyaanni Arafaa yeroo kabajamu hawaasni muslimaa kanneen rakkatan gargaaruu, dhukkubsataa gaafachuufi kan qabuu irraa qooduu giddu galeessa taasifachuun ta’uu akka qabus imaanaa jedhaniiru.

Ayyaanni Arafaa Ityoophiyaa dabalatee hordoftoota amantaa Islaamaa guutuu Addunyaa biratti sirna adda addaan  kabajama.

Mahaammad Toofiq’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply