Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Yaa’ii Waliigalaa 3ffaa Waggaa 3ffaa adeemsise
Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa sirna baniinsa Yaa’ichaarratti ergaa dabarsaniin waggoota sadiin dura Amaanaa Ummata Muslimaa Itoophiyaatiin filannoon nutti kenname hanga humni keenya danda’etti tajaajilaa turree jirraa jedhaniiru.
Caaseffamni Mana Marichaa qaama seerummaafi dhaabbattummaa akka qabaatuufi kan duraanii caalaatti cimsuun hawaasa tajaajiluuf gahumsa akka qabaatu gochuuf tattaaffii cimaa godhameen milkaa’inni heddnuun argamuu ibsaniiru.
Manni Marichaa adeemsa filannoo hoggansa haaraaf sirna galmee gaggeessaa turuu yaadachiisuun, adeemsi jiruus haala gaariirratti akka argamu ifoomsaniiru.
Hawaasichi Caaseffama Mana Marichaa sadarkaa Federaalaatii hanga Masgiidota Gandoota keessaatti adeemsa filannoo gaggeeffamaa jiruutti hirmaachuun kan ammaa caalaatti nama isaan tajaajiluu danda’u akka filataniis dhaamaniiru.
Yaa’ii kanaan gabaasni raawwii hojii hanga ammaa Mana Marichaaf dhihaachuun irratti ni mari’atama jedhameera.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.