Hayaat Ramadaan Dorgommii ‘Addis Talent Show’ Damee Sagaleen injifatte

You are currently viewing Hayaat Ramadaan Dorgommii ‘Addis Talent Show’ Damee Sagaleen injifatte

AMN PLUS- Sadaasa 13/2018

AMN dorgommii addaa ‘Addis Talent Show’ dameewwan sadiin Sagalee, Taatoofi Sarkasiin dorgomsiisaa ture keessaa dameen sagalee har’a xumurasaa argateera.

Dorgommii marsaalee torbaaf adeemsifamaa ture kanaan Hayaat Ramadaan damee Sagaleen injifatteetti.

Magaalaa Kombolchaatti dhalattee Finfinnee kan jiraattu Hayaat marsaalee hedduurratti sirboota rukuttaa Reegeefi Bluuziin dabalatee ga’umsa olaanaan murteessitoota ajaa’ibsiisaa turte.

Hayaat Yuunivarsitii Saayinsii fi Tekinooloojii Finfinneerra damee ‘Software Engineering’tiin barnootashee xumurteetti.

Qabxii olaanaan akka xumurte kan himamuuf Hayaat, wallee sagalee achuma Yuunivarsitichatti Kilabii Aartii Braannaa jedhamutti eegaluun milkii har’aarra geesseetti.

Dorgommii Sagalee xumuraarratti dorgomtoota 4 ta’anii dhiyaatan keessaa ga’umsa olaanaa agarsiisuun 1ffaa baatee badhaasa birrii kuma 300 injifatteetti.

Dorgomtuun biraa Abbaayinesh 2ffaa ba’uun birrii kuma 200 yoo badhaafamtu Naatinaa’eel Bayyanaa 3ffaa ba’uun birrii kuma 100 badhaafameera.

Dorgommichaan Ya’aabsiraa Saamu’eel 4ffaa ba’uun xumureera.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply