Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) Qaammee 2, Guyyaa Waloomaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniiru.
Dooktar Abiyyi gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Itoophiyaan biyya kennaawwan hedduun guutamtedha jedhan.

Kennaawwan ishee kunneen kan gargar bahan utuu hin ta’iin adda addadha.
Daneessummaan aadaa, afaanii, seenaa, qaroomina, amantaa, saalaa fi ilaalchi heddummina kennaa qabnu kan agarsiisanidha.
Heddumminni Itoophiyaaf seenaa fi bifa isheeti jechuun ibsaniiru.