Lakkoofsi herrega Baankii namoota seeraan ala sharafa alaa irratti hirmaachuun shakkamanii 123 ugguramuu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii beeksise.
Sosochiin maallaqaa shakkamtoota kanneenii dhorkamuunsaa itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuf akka ta’e Tajaajilli Nageenya Faayinaansii ibseera.
Fooyyessa Diinagdee Gooroo hordofee namootni hedduun karaa seeraan tajaajila sharafa alaa kennaa jiraachuu eerun, haa ta’uutii, qaamoleen tokko tokko karaa seeraan alaa sharafa alaa raawwachuuf sochii taasisaa jiraachuu hime.
Ogeeyyin baankii tokko tokko gocha seeraan alaa kana irratti hirmaachaa jiraachuu hordoffii taasifameen mirkanaa’uu beeksisee jira.
Qaamolee kanneen irratti tarkaanfiin akka fudhatamus Tajaajilli Nageenya Faayinaansii hubachiisuu isaa TOI’tu gabaase.