Xumuramuun hidha haaroomsa guddichi dafqa, dhiiga, dadhabbi, tattaaffii fi kan xiiqii lammiilee Itoophiyaa ta’uu Kantiibaa Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Hidhi”Hidhi haaromsa guddichi kan hin boorofne, duubatti kan hin deebine dhaloota gara dhalootatti kan darbu Adawaa 2ffaa tumsa lammiilee biyyatti hundaan kan hojjetamedhas” jedhaniiru.
Tokkummaan dhaabbachuun injifannoo guddaa akkanaa kana milkeessuun barumsa guddaa akka qabu namni kamiyyuu irraa hubachuun akka danda’amus ibsaniiru.
Yeroo hidhichi ijaaramutti mormiin baay’atus, rakkoon jiraatus xiiqiidhaafi kutannoon ijaaramee xumuramuu akka danda’e Kantiibaa Adaanach Abeebee dubbataniiru.
Maallaqa, beekumsa, humnaa fi kaka’umsa lammiilee Itoophiyaatiin qofa kan ijaaramee miira ‘ni dandeenya’ jedhu kan galmaan ga’e akka ta’e ibsaniiru.
”Hidha haaromsaa guddaa kana xumurre jennee taa’uu osoo hin taanee imala badhaadhinaa saffisiisuu qabna. Bishaan badhaadhina Itoophiyaatiif bu’uura waan ta’eef gaaffii mirgaa ulaa galaanaa argachuuf dhiyeessines xiiqiifi tokkummaan milkeessuu dandeenya” jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee hubachiisaniiru.
Shuumii Badhaasootiin,