Hidha haaromsaa xumuruun keenya milkaa’ina biroofi injifannoo haaraaf kan nukakaasudha -obbo Balaayi Dajanee

You are currently viewing Hidha haaromsaa xumuruun keenya milkaa’ina biroofi injifannoo haaraaf kan nukakaasudha -obbo Balaayi Dajanee

‎AMN PLUS – Qaammee 2/2018

Hidha haaromsaa xumuruun keenya milkaa’ina biroofi injifannoo haaraaf kan nukakaasudha jechuun Hoogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Balaayi Dajanee ibsan.

‎”Waliin dandeenyeerra” mata duree jedhuun jiraatota magaalaa kuma 300 ta’an kan irratti hirmaatan sosochiin ispoortii har’a ganama adeemsifameera.

‎Qophiicha irratti kan argaman Hoogganaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Balaayi Dajanee hidhi haaromsaa guddicha Itoophiyaa tulluu badhaadhinaatti ce’uuf kan dandeessisu meeshaa ijoo ta’uu ibsaniiru.

‎Hidha haaromsaa keenya xumuruun milkaa’ina biroo fi injifannoo haraan kan gahuudha kan jedhan obbo Balaayi hidhichi faayidaa biyyaaf akka ta’utti qabsoon mootummaa fi hawaasi godhan seenaa ta’ee kan yaadatamu yaadannoo cimaadha jecdhaniiru.

‎Hidha haaromsaa irratti hirmaannaa maatii ispoortii fi dargaggoo olaanaa ta’uu kan yaadachiisan obbo Balaayi itti fufee misooma hunda galeessa biyyaa fi nageenya irratti hirmaannaa adda duree akka taanu jechuun waamicha dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply