Hidha waliigaltee Kolonii duwwaatti hambise

You are currently viewing Hidha waliigaltee Kolonii duwwaatti hambise

AMN PLUS – Hagayya 29/2017

‎Itoophiyaan dachee Bilisummaa, fakkeenya injifannoo yaadama Harka laachuu dhiisuu Afriikaanota dhaalchistedha.

‎Biyya qabeenya uumamaafi albuuda adda addaa qabdu taatee, karri bahumsaa hiyyummaa irraa fagaateen turteefi qormaata alaafi keessaa itti danqarame jalaa miliquuf rakkinni qolee ishee qabee ture.

Har’a garuu irree jabaa, beekumsaafi qabeenya lammiilee ishee qormaatni hin jilbeeffachiisneen, hidhi haaromsaa ijaaramee xumuramuun seenaa boonsaaf qaqqabeera, seenaa dhaabbataas ta’eera.

‎Ambaasaaddar Silashii Baqqala (Dr. Injinar) Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ilaalchisee turtii addatti AMN PLUS waliin taasisaniin hidhicha irratti dhiibbaawwan gurguddaa wal faallessan lama akka turan ibsaniiru.

‎Dhiibbaan inni jalqabaa kan kahu waliigalteewwan yeroo Kolonii turan gaariidha jedhanii kanneen amananiifibyaada kana leellisan irraa ka’uu ibsu.

‎Dhiibbaan inni 2ffaa ammoo biyyoota Yaa’a gadii irraa kan maddu yoo tahu inni ammoo ana malee biyyi biraa fayyadamuu hin qabu kan jedhu ilaalcha of qofa jaalachkan of keessaa qabu tahuu himan.

‎Itoophiyaanis wal deggersaafi mariidhaaf balbala ishee banaa gochuun injifachuu akka dandeesse kaasan.

‎Xaariin yaada koloneeffattummaa biyya birmadummaa qabdu irra kaahuu kan dhufe qabeenya keenya saamuuf tattaaffii taasifame tahuullee ibsan. Ambaasaaddar Silashiin (Dr./Injinar)

‎Itoophiyaanis dhugaa qabatamaa hidhichaa hubachiisuun, faayidaan isaa badhaadhina kan fiduufi hiyyummaa keessaa bahuuf furmaata tahuu isaafi fayyadamummaa ummataa guddisuu keessatti gahee inni qabu beeksisuun adeemsa hordofuun itti milkoofte tahuu kaasan.

‎Hidhi Haaromsaa dhimma Mana Maree Nageenyaa bira gahe ta’uu yaadachiisuun dhugaa jiru biyyattii irraa kaasee hanga Gamtaa Afrikaa fi hawaasa idil addunyaa hunda biratti akka hubatamu gochuun bilchina dippilomaasii guddaa akka agarsiise hubachiisan.

‎Keessattuu, hojii dippilomaasii gahumsa qabu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.)n durfamu kaasuun bu’aan qabatamaa kan irraa argame ta’uu isaa ibsan.

‎Hidhi Haaromsaa amma ijaaramee xumurarra gahe milkaa’ina dippilomaasii keenyaaf ragaadha” jedhan ambaasaaddarichi.

‎Lammiileen Itiyoophiyaa, daa’imman irraa kaasee hanga ga’eessotaatti, biyya keessaas ta’e biyya alaatii, akka ambaasaaddaraattis ta’e adda durummaan dhimma biyyaalessaa kana irratti hirmaachuun gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

‎Fuulduratti akka biyyaatti hojiiwwan dippilomaasii hedduun akka hojjetaman kan dubbatan Ambaasaaddar Silashiin “yeroo ammaa hidha haayidio elektirikaa guddicha Afrikaa keessatti ijaarree jirra” jedhan.

‎Hidhichi waggaa waggaan lolaadhaan biyya miidhamaa jirtu Sudaan balaa lolaa irraa kan baraaru ta’uu kan himan Ambaasaaddarichi, biyyootni yaa’a gadii hundi kana booda tumsuun dhimma barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

‎”Milkaa’ina hidha haaromsaaf kanneen gama maallaqaan, dippilomaasiin, sagalee walitti qabuufi barruulee saayinsaawaa qopheessuuf lammiileen Itoophiyaa itti gaafatamummaa seena-qabeessa bahattan hunduu Baga gammaddan” jechuun Doktar Injinar Ambaasaaddar Silashiin, turtii addatti AMN PLUS wajjin taasisaniin ergaa dabarsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply