Hidhaan Haaromsaa hanguma Itoophiyaanotni itti cichooman gaha- Dr.Injinar Habtaamuu Ittafaa

You are currently viewing Hidhaan Haaromsaa hanguma Itoophiyaanotni itti cichooman gaha- Dr.Injinar Habtaamuu Ittafaa

‎AMN PLUS – Qaammee 1/2017

Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa biyyoon akka hin guutamne hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjatameera jedhan Ministirri Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa.

‎Asxaafi mallattoo tokkummaa saboota, sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa kan ta’e Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa eebbaaf qophaa’ee jala bultiirratti argama.

‎Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa AMN PLUS waliin addatti turtii taasisaniin, Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa, annisaa maddisiisun rakkoo haadholii furuun dabalata piroojektii bu’aalee hedduu kennuu danda’uudha jedhan.

‎Piroojektichi lammiileen Itoophiyaa waloon yoo dhaabbatan misooma kamuu milkeessuu, rakkoo kamuu qolachuu akka danda’an kan agarsiisee ta’uus ibsan.

‎Caalmatti anniisaa maddisiisun dhamaatiifi ba’aa haadholii kan furu ta’uu kan himan Doktar Injinar Habtaamuun, madda Carraa hojii lammileetis jedhan ‎Hidhichi biyyoon akka hin guutamne hojiin Kunuunsa qabeenya uumamaa kan hojjatame ta’uus kaasan.

‎Misoomni Ashaaraa Magariisaafi sululaa hojjataman agarsiiftuu ta’uu kan ibsan Doktar Injinar Habtaamuun, naannawaan hidhichaa qulqulluufi hawwata turizimiitif akka oolu labsiin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan raggaa’us Doktar Injinar Habtaamuun eeraniiru.

‎Hidhichi biyyootni yaa’a gadii balaa lolaatif akka hin saaxilamne taasisuun kan fayyadudha jedhan.

‎Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa piroojektii dafqa, imimmaaniifi aarsaa lammiilee Itoophiyaan kan milkaa’e ta’uus Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Doktar Injinar Habtaamuu Ittafaa himaniiru.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply