Hidhi Haaromsaa agarsiistuu tokkummaa, waltumsuufi danda’uu keenyaati- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa agarsiistuu tokkummaa, waltumsuufi danda’uu keenyaati- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Fulbaana 3/2018

Hidhaan Guddichi Haaromsa Itoophiyaa xumuramee tajaajila eegaluun gaabbii uummataa barootaaf tureef deebii kan ta’e jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Hidhi injifannoo kun agarsiistuu tokkummaa, waltumsuufi danda’uu keenyaati jechuun akka hoggansaatti kan itti boonan ta’uus eeran.

Waloon yoo dhaabbanne, yoo cichoomne, kutannoon yoo hojjenne fuuldurattis wanti nuti hin dandeenye hin jiru jedhan Aadde Adaanech.

Xumuramuun pirojektichaa bayyanachuu Itoophiyaafi milkaa’ina imala badhaadhinaaf bu’uura kan kaa’e ta’uus himan.

‎”Wayita hidhichi hojjetamu qormaatni hangam baayyatus galma barbaadamuu fi mul’ata qabame irraa hambisuu kan danda’u hin jiru” jedhaniiru.

‎Qormaatileen biyya keessaa qofa osoo hin taane alaas dhiibbaan akka ture ibsaniiru.

‎Haala hubannoo dogoggoraa addunyaa bira ture jijjiiruuf haqa jiru ibsuu irratti yaalii dippiloomaasii guddaan godhamuu itti dabaluun ibsaniiru.

Abbayyi dhalootni darbe kan gaabbiin baay’ee weeddiseef akka ture yaadachuun, bara dhaloota haaraa kanatti hidhichi xumuramuun isaa, Itoophiyaanotaaf hiyyummaatii bahuun badhaadhina mirkaneessuuf kan dandeessisu akka ta’e eeraniiru. ‎

‎Itoophiyaanonni galii gadi aanaa argatan otuu hin hafin tumsuudhaan ashaaraa isaanii hidhicha irra kaa’uu danda’uun isaanii kanaaf ragaa akka ta’ellee ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply