Hidhi haaromsaa bu’aa tumsa mootummaa fi uummataati- Aragaawwii Barihee (Dr.)

You are currently viewing Hidhi haaromsaa bu’aa tumsa mootummaa fi uummataati- Aragaawwii Barihee (Dr.)

‎AMN PLUS – Hagayya 27/207

‎Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa kanneen hin danda’amu, hin ijaaran jedhan kan itti saalfachiisne bu’aa tumsa mootummaa jijjiiramaa fi uummataati jechuun Hoji gaggeessaa olaanaan Waajjira Qindeessaa Pirojektii hidha haaromsaa Itoophiyaa Aragaawwii Barihee(Dr.) ibsan.

‎Hidhichi akka dhugoomuuf lammiileen Itoophiyaa biyya keessaa fi ala jiran deggersa maallaqaa fi humnaa gochuu irra darbee deggersi hamilee isaan godhan kan galateeffachiisu akka ta’e dubbataniiru.

‎Hidhi haaromsaa indastirii baadiyyaa dabalatee indastirii gurguddoo dhaabuuf carraa inni biyyaaf uume guddaa ta’uu eeranii guddina diinadgee tarkaanfachiisuuf gahee murteessaa akka bahu ibsaniiru.

‎”Lammiileen Itoophiyaa yoo wal-taane tulluu nuti hin sochoosne akka hin jirre hidhichi agarsiiftuudha” kan jedhan Aragaawwii Barihee(Dr.) ijaarsa hidhichaatiin bu’aan argame pirojektoota misoomaa kan biroo gahumsaan raawwachuun akka danda’amu kan barumsa kenne ta’uu ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply