AâMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018
âSeenaa dur deegarsa kennuun faranjiifi dhaabbilee miti mootummaa qofaan beekamu lammiileen ammaa waliif birmachuun seenaa haaraa galmeessaa akka jiran Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa tola ooltota bara 2017tti waan qabanirraa gumaachuun jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti qooda isaanii ba’ataniif beekamtii kenneera.
Bara 2017tti hojiileen tola ooltummaan manneen kuma 8f 700 ol ijaaramuu Aadde Adaanech ifoomsaniiru.
âTola ooltummaan amma lammiileen agarsiisaniin ilaalcha durii jijjiiruun duudhaa namummaa Itoophiyaa agarsiisuu akka danda’ames dubbtaniiru.
Hojiileen baajata mootummaa qofan hojjetamuu hin danda’amne hirmaannaa tola ooltotaatiin hojiileen misoomaa baay’eenis akka hojjetame kaasaniiru.
âHiikaan jireenyaa inni tokko waan qabanirraa kennuudha kan jedhan Kantiibaa Adaaneechi, ofii qofa osoo hin ta’in nama biraafilleen jiraachuun murteessaa akka ta’e ibsaniiru.
âHojii tola ooltummaa kana Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) adda duree ta’uun kan jalqabsiisan, amma hawaasa guutuu biratti baratama ta’uun namni lafa jiruu wal-gargaara akka jiranis kaasaniiru.
Milkaa’ina kanaafis Kantiibaa Adaanechi Abeebee Ministira Muummee Dooktor Abiyyifi hirmaattota tola ooltotaa galateeffataniiru.
Shuumii Badhaasootiin