Hirooshimaan boombii atoomikaan erga haleelamte yaadannoon waggaa 80ffaa taasifame

You are currently viewing Hirooshimaan boombii atoomikaan erga haleelamte yaadannoon waggaa 80ffaa taasifame

‎AMN PLUS- Adoolessa 30/2017

‎Ameerikaan boombii atoomikaatiin Jaappaan magaalaa Hirooshimaa erga haleeltee waggaa 80 guuteera.

‎Haleellaan kun Bara 1945 ALAtti, baatii Hagayyaa keessa kan raawwatame tahuu ni yaadatama.

‎Wggaan 80’ffaa isaas Kibxata kaleessaa Jaappaan keessatti yaadatamee ooleera.

‎ Ministiri Muummee Jaappaan Shigeru Ishiba kaleessa qondaaltota addunyaa fi kantiibaa magaalaa Hirooshimaa Kazumi Matsui waliin sirna yaadannoon kana irratti argamaniiru.

‎Matsui ibsa kennaniin tattaaffiin meeshaalaa waraanaa niwukilaraa ittisa biyyaatiif jedhuun baballisuuf taasisamu balaa seenaa irraa barachuu dhabuudha jechuun dubbatan.

‎Waraanni Addunyaa Lammaffaan Hirooshimaa fi Nagaasaakiin erga boombiin haleelalamanii harka kennachuu Jaappaaniin xumurame.

‎Boombiin kun namoota kuma 200 ol kan galaafate yoo ta’u, kaan dhohinsa battalaa mudateen, kaan ammoo dhukkuba raadiyeeshiniifi gubachuu irraan kan ka’e tahuu ni yaadatama.

‎Hambaan meeshaa waraanaa yeroo sanaa har’as namoota lubbuun hafanirratti dhiibbaa geessisuu isaa itti fufeera.

‎Shingo Naito, haleellaa Hirooshimaa irraa lubbuun oolee aartiitti dhimma bahuun seenaa isaa barattootaaf qooduurratti argama.

‎Haleellaan kun yoo raawwatamu daa’ima waggaa jahaa ta’uu, abbaafi obboloota isaa haleellaa kanaan dhabuu yaadateera‎

‎Bara 2024tti gareen Jaappaan boombii atoomikaa irraa oole Nihon Hidankyo jedhamu addunyaa kana meeshaa niwukilaraa irraa bilisa gochuuf carraaqqii taasiseen badhaasa Noobeelii nagaa injifateera.

‎Kantiibaan Hirooshimaa Matsui Jaappaan Waliigaltee Dhorka Gabbisa Meeshaa Niwukilaraa kan bara 2021 hojiirra oole akka raggaasistu gaafachuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply