AMN PLUS Amajji 22, 2017
Jilli Paartii Morookoo ‘National Rally of Independent o Morocco’ Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa marsaa lammaffaa irratti hirmaachuuf Magaalaa Finfinnee gale.
Jila kana kan dursan Ministira Qonna Duraanii Morookoo Mohaammed Saadiq yoo ta’u gaafa Finfinnee gahanis Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti Gorsituu Dhimma Tuurizimii Ministira Muummee Itoophiyaa Ambaasaaddar Naasisee Caalii fi Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon simatamaniiru.
Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa kanarratti Paartileen Biyyoota 15 Biyyoota Miseensa BRICS dabalatee Afrikaa fi Eeshiyaa irraa ni hirmaatu jedhamee eegama.