Hooggantoonni Dhaabbata Tajaajila Qalmaa Finfinnee, tajaajila kennuuf matta’aa gaafatan lama to’annoo jala oolfaman.
Daarekteera olaanaa dhaabbatichaa Obbo Sayid Indiris Kamaaliifi Itti aanaa isaanii Yooseef Dirribsaa Maammoo kan jedhaman maallaqa yoo fiduu baattan tajaajila hinargatan jechuun maamiltoota deddeebisaa turan.
Eeruu kennameenis tajaajilamaa irraa matta’aa osoo fudhatanii to’annoo jala ooluu odeeffannoon Waajjira Kantiibaarraa arganne ni mul’isa.
Tajaajilamtoota hordofuun eeruu kennan galateeffachaa, yaroo itti aanu malaammatummaa ittisuuf qabsoo taasisuu keessan akka itti fuftan jechuun waamicha dhiyeesseera