Hoggantoota kuma 8 ol irratti tarkaanfiin naamuusaa fudhatameera – Obbo Adam Faaraah

You are currently viewing Hoggantoota kuma 8 ol irratti tarkaanfiin naamuusaa fudhatameera – Obbo Adam Faaraah

AMN- Onkololeessa 15/2018

Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Paartichaa Obbo Adam Faaraah hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin bahanne kuma 8 fi 613 irratti tarkaanfiin naamuusaa fudhatamuu beeksisaniiru.

Tarkaanfiiwwan Paartichi fudhate aangoorraa kaasuu, sadarkaa gadi buusuu fi jijjiirraa kan dabalatu ta’uu Obbo Adam himaniiru.

Obbo Adam Walga’ii koree hoji rawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa booda ibsa kennaniin Hoggansii fi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran karaa naamusa qabuun itti gaafatamummaa isaanii akka ba’aniifis hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii sirnaan hin bahanne, ummatasaanii amanamummaan hin tajaajille, malaammaltummaa fi hanna keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru.

Hoggansaafi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa isaanii karaa naamusa qabuun akka ba’an, kanaanis sirna uummataa fayyadamoo fi jireenya isaanii fooyyessuu irratti bu’uureffachuun akka hojjetamuuf Paartichi xiyyeeffannoon kan hojjetu tahl’uu Obbo Adam akeekaniiru.

Kana malees, Mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf Paartichi ga’ee isaa akka ba’us ibsaniiru.

Filannoon biyyaalessaa itti aanu karaa bilisaa fi amanamummaa uummataa qabuun akka gaggeeffamuu fi xumuramuuf Paartiin Badhaadhinaa gahee isaa ba’uuf kutannoo qaba jedhan.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply