Hoggantoonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa akka daawwatan ibsameera.
Hawwii bara dheeraa hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa milkeessuun maqaa biyyatti waltajjii addunyaatti olkaasuun dhaloonni kun kan itti boonu ta’uu Hoggantoonni Olaanoon Magaalaa Finfinnee Gubaatti argamuun hidhicha daawwatan dubbataniiru
Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa agarsiistuu bu’aa irree gamtoomee qofa osoo hin taane pirojektii guddaa misooma biroofis fayyadu ta’uu Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadir ibsaniiru.
Itti dabaluudhaanis, lammiileen Itoophiyaa qormaata hedduu dabarsuun ashaaraa isaanii kan itti calaqqisiisan tokkummaa isaanii cimsuun waan biraas hojjechuu akka danda’an kan itti agarsiisan ta’uu ibsaniiru.
Kantiibaa Itti Aanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Indastirii Obbo Jaanxiraar Abbaay gama isaaniitiin, Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa tokkummaa fi guddummaa lammiileen Itoophiyaa ergaa “ni dandeenya” jedhu hawaasa addunyaatti agarsiisan akka ta’e ibsan.
Itti dabaluunis, Hidhi Haaromsaa bishaan hidhuu qofa osoo hin taane, seenaa abbootii keenyaa Adawaa deebisanii ijaaruufi Ashaaraa dhalootaa ta’uu hubachiisaniiru.
Shuumii Badhaasootiin