AMN PLUS – Ebla 15/2017
Leenjiin hooggantootaa fi ogeeyyii miidiyaa fi kominikeshinii Naannoo Oromiyaatiif mata duree “Addunyaa dhugaan boodaa, beekumsaa fi dhugaadhaan” jedhuun magaalaa Baatuu, Yunivaristii Naannoo Oromiyaatti kennamuu eegaleera.
Leenjii kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa addunyaa dhugaan boodaa dhiibbaan odeeffannoo itti heddummaate milkiidhaan cehuuf hojii miidiyaa fi kominikeshinii bu’a qabeessa dhugoomsuun murteessaadha jedhaniiru.
Imala waggoota darbaniitiin milkaahinoota dam-daneessa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan galmeessuun akka danda’ame kan ibsan Obbo Kaffaloo Tafarraa, hojii miidiyaa fi kominikeshinii itti fufiinsa qabuun milkaahinoota keenya beeksisuu, obbolummaa sab-daneessa lafa qabsiisuu fi uummata keenya injifannoo caalmaatiif qopheessuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Paartii Badhaadhinaatti itti gaafatamaan damee Sab-qunnamtii fi hariiroo idil addunyaa Biqilaa Hurrisaa ( Dr.) odeeffannoowwan dogoggoraa obbolummaa lammiilee diiguu fi imala badhaadhinaa eegalle irraa nu hambisuuf bocaman dhugaa qabnuun injifannee seenessa waloo bu’uuressuu fi milkaahina keenya qixaan beeksisuuf xiyyeeffannoon hojjachuu qabna jechuun dhaamaniiru.
Pireezidaantiin Yuunivaristii Naannoo Oromiyaa Garramuu Hulluuqaa (Dr.) yunivarsiitichi dhaloota beekumsaan gahoomee fi odeeffannoo diijitaalaatiin mul’ata biyyaa galmaan gahu oomishuuf itti fufiinsaan ni hojjata jechuusaanii BKO irraa odeeffanne.