Hojiileen dhaabbata ammayyeessuu cimee itti fufa- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

You are currently viewing Hojiileen dhaabbata ammayyeessuu cimee itti fufa- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

AMN PLUS – Qaammee 1, 2017

Hojiin gama maraan dhaabbata ammayyeessuu cimee itti fufa jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.

Tajaajila hunda galeessa kennuu kan dandeessisu Giddugalli Haaromsaa Qoree eebbifameera.

Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan wayita kana akka jedhanitti, hojiin Raayyaa Ittisaa damee hundaan ammayyeessuu cimee itti fufa.

Giddugalichi lafa heektaara kuma 8 ol irratti kan ijaarame yoo ta’u Woorkishooppiiwwan 12, gamoo bulchiinsaa, buufata boba’aafi bakkeewwan magariisaa qabaachuun eerameera.

Ijarsi isaa sababoota garaagaraan harkifachaa kan tureefi jijjiirama biyyaalessaan booda fooyya’iinsi garaagaraa taasifamuufiin sadarkaa Raayyichaafi Itiyoophiyaa madaaluun ijaaramuu ibsameera.‎

Giddugalichi tajaajila Jaanmeedaafi Meeksiikootti kennamaa ture gara giddugala tokkootti kan fideefi qulqullina tajaajilaa kan mirkaneesse ta’uunis eerameera.‎

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply