
AMN – Sadaasa 19/2017
Hojiin haaromsaa dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii irratti hojjetamaa ture dhaabbilee Itoophiyaaf mijatoo ta’anii fi yeroo irra darbanii ijaaruuf bu’uura cimaa kan kaa’e ta’uu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.
Yeroo Humni Qilleensaa waggaa 89ffaa isaa kabaju kanatti xiyyaarri “Tsahaayi 2” jedhaamtu kan Humna Qilleensaatiin hojjatamte balali’uuf ga’uu ishees himaniiru.
Xiyyaarri tun teeknoolojii ergama isaa bu’a-qabeessa ta’e raawwachuu dandeessisu kan qabdu ta’uus ibsan.
Kunis Humni Qilleensaa bara 2030tti humna qilleensaa guddaa Afrikaa ta’uuf mul’ata qabu dhugoomsuuf daandii sirrii irra jiraachuu isaa MM Abiyyi ergaa gama marsaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin eeraniiru.