Hojiin to’annoo tamsa’ina vaayirasii ‘M PoX’ ittisuuf taasifamu cimee itti fufeera- Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan.
Hojiilee Vaayirasii kana ittisuuf taasifaman ilaalchisuun Dr. Maqdas ibsa kennaniiru.
Vaayirasiin ‘M Pox’ sadarkaa idil addunyaatti biyyoota 133, Sadarkaa Afriikaatti immoo biyyoota 29 kessatti mudachuusaa ibsa kennaniin eeraniiru.
Itiyoophiyaa keessatti daa’imni guyyaa 211 naannawa mooyyaalee jiraatu dhibee kanaan aabamuusaa adda baafamuu himuun, qorannoo sammuudaa haadhaa fi abbaa daa’ima kanaaf taasifameen dhukkuba kanaan qabamuusaanii mirkanaa’uu himaniiru.
Namoota dhukkuba kanaan qabaman adda baasuun kunuunfamaa akka jiran ibsanii, isaanis haala gaariirra akka jiran dubbataniiru.
Namoota vaayirasii kanaan qabaman waliin tuttuqaa qabu jedhamanii kan shakkaman irraa sammuudnni namoota shanii fudhatamee qorannaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa waliin ta’uun jiddugala deebii battalaa kennuu dandeessisu dhaabuun hojiin adda baasuu fi sakkatta’u raawwatamaa jiraachuu Dr. Maqdas ibsaniiru.
Hojiin to’annoo naannawa daangaatti, ulaawwan ba’iinsaa fi karaan galmaa qilleensaa fi lafaa irratti taasifamu cimee ittifufuu dubbachuu isaanii Tajaajila Oduu Itoophiyaatu gabaase.