Hospitaalli Alart keemikaala naannoo faalu lagatti lakkisuusaan Birrii miiliyoona tokko adabame

You are currently viewing Hospitaalli Alart keemikaala naannoo faalu lagatti lakkisuusaan Birrii miiliyoona tokko adabame

AMN Plus- Onkoloolessa 26/2018

Dhaabbata Fayyaa Mootummaa kan ta’e Hospitaalli Alart keemikaala naannoo faalu lagatti lakkisuusaan Birrii miiliyoona tokko adabamuu Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hospitaalli Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti argamu kun faalamni geessise qorannoo laaboraatoorii ogeeyyii Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Finfinneen mirkanaa’uu himameera.

Gama biraan Kutaa magaalichaa aanaa 04tti Dhaabbileen miiccaa konkolaataa 6 qarqara laggeeniitti balfa dhangala’aa lakkisuusaaniin tokkoon tokkoonsaanii Birrii Kuma 100 adabamuu Abbaan Taayitichaa ibsa AMN Dijitaaliif ergeen beeksiseera.

Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee qaamolee hubannoo yeroo yeroon kennamurra darbuun gocha walfakkaatoo raawwatan irratti tarkaanfii fudhatu cimsee akka itti fufu hubachiiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply