”Humni Qilleensa Itoophiyaa ergamasaa haala amansiisan kan bahatee fi birmadummaa biyyaa gootummaasaatiin kan waaresseedha ”- Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

You are currently viewing ”Humni Qilleensa Itoophiyaa ergamasaa haala amansiisan kan bahatee fi birmadummaa biyyaa gootummaasaatiin kan waaresseedha ”- Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

AMN PLUS- Bitootessa 26/2017

Humni Qilleensa Itoophiyaa ergamasaa haala amansiisan kan bahatee fi birmadummaa biyyaa gootummaasaatiin kan waaresse ta’uu Ajajaa olaanaan Humna Qilleensa Itoophiyaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.

Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa miseensota raayyaa haaraa dhaabbaticha tajaajiluuf filamanii akkaadaamii Humna Raayyaa leenjiif dhufan simachuun haasofsiisaniiru.

Humni Qilleensa Itoophiyaa ergama itti kenname haala amansiisan kan bahatee fi birmadummaa biyyaa gootummaa isaatiin kan waaresse akka ta’e Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsaniiru.

Dhaabbatichi adeemsa seenaasaa keessatti gootota ofiif osoo hin ta’iin biyya isaaniif aarsaa qaalii kafalan horateera jedhan.

Leenjifamtootni ergama isaanii seeran bahuu akka qaban kan ibsan Leetenal Jeneral Yilmaa, yeroo itti aanuutti leenjii loltummaa irraa hanga akkaadamii humna qilleensaatti ciminaan xumuruun jabina qaamaa fi yaadaan of qopheessu akka qaban hubachiisuusaanii Raayyaa Ittisa Biyyaarraa odeeffanne

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply