Humni qilleensaa guddummaa Itoophiyaa madaalu ijaaramaa jira- Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

You are currently viewing Humni qilleensaa guddummaa Itoophiyaa madaalu ijaaramaa jira- Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

AMN Plus- Onkoloolessa 27/2018

Ajajaan Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letenaant Jeneraal Yilmaa Mardasaa kabaja waggaa 90ffaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa ilaalchisee jiraattota magaalaa Bishooftuu fi naannawa ishee waliin mari’atan.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa seenaa keessatti birmadummaa biyyattii eeguu irratti gootummaa gurguddaa galmeessisuu eeruun, ammas haala Itoophiyaa madaaluun ijaaramuu himan.

Humni qilleensaa ammas dhaabbata Itoophiyaanonni ittiin boonan ta’uu Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa eeraniiru.

Hundeeffamni waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa dhaadannoo “Humni Qilleensaa Itoophiyaa, mallattoo bilisummaa fi tokkummaa” jedhuun kabajamaa jira.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply