Humni Qilleensaa Itoophiyaa Dhaabbata Aviyeeshinii buleessa gootota hedduu horate akka ta’e Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa FDRI Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan.
Bara hundeeffamaa 90ffaa Humna Qilleensaa magaalaa Adaamaatti kabajamaa jiru irratti, Humni Qilleensichaa birmadummaa biyyaa eegsisuun seenaa boonsaa akka qabus dubbataniiru.
Ayyaana yaadannoo hundeeffamaa kana uummata wajjin sababaan kabajaniif, qophaa’ummaa humnichaafi gahumsa uume akka uummatni hubatuuf ta’uu eeruun, jiraattotni Adaamaafi naannoo ishee guyyaa seena qabeessa kana akka kabaju waamicha dhiyeessaniiru.
Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee gama isaaniin Raayyaan Ittisa biyyaa wabii nageenya biyyaa, gaachana uummataafi boonsaa akka ta’e ibsaniiru.
Guyyaan kun “Humni Qilleensaa Itoophiyaa Mallattoo Tokkumaafi Bilisummaati” mata duree jedhuun agarsiisa aviyeeshinii, marii paanaaliifi agarsiisa qilleensarraa adda ta’een kabajamaa akka jiru odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame ni mul’isa.