Iddoon irreeffannaa ulfoodha

You are currently viewing Iddoon irreeffannaa ulfoodha

‎AMN PLUS -Fulbaana 21/2018

‎Iddoowwan kabajaa dirreen hoodaaf Gadaatu seera tume jedhan Abbaan Gadaa jahan Galaan Hundee Bayyanaa Guddataa.

‎Gadaan marsaa saddeeti saddeetiin Odaatti yoo godaantu ulfaa, gostiifi miseensi hunduu wal-gahuu erga mirkaneeffatee booda aadaan muuda, duudhaan muuda jechuun Gadaan sun afaan saqqatti jedhan Abbaan Gadaa kuni.

‎”Seeran dhalchaa ilma dhalchi—x3″ jechuun lafa burqaa ykn maddi jiru dhaabbachuun seera lallabu. Seerri dhalate jechuun ulfoowwan tumaa seera lallabu.

‎”Waaqni ulfaa

‎Lafti ulfoo

‎Tulluun ulfaa

‎Malkaan ulfoo

‎Abbaan ulfaa

‎Haatii ulfoo” jechuun ulfaawwan tumaa seera lallabu.

‎Ulfaawwan kanneen keessaa sadii abbaadha, sadii haadha bakka bu’u.

Waaqa, Tulluufi Abbaan abbaa yoo ta’an, Lafti, Malkaanifi Haati haadha jechuudha jedhan Abbaan Gadaa Hundee Bayyanaa.

‎Bishaan malkaa keessatti kan tumame ‘Akka seer’ keessa jira jedhan. Akka seer jechuun waan waaqni uume hundinuu akka seer keessa jira.

Kunis waanni lafarra jiru hunduu kan namni itti fayyadamuus akka seer keessa jira jedhan Abbaan Gadaa jahan Galaan kuni. Kanaaf,

“Hin dabsin

‎Hin cabsin

‎hin jallisin….” jedhee seera tumeefi jechuudha.

‎Yeroo Irreechaas ulfoowwan kunneen ni yaadatamu. Irreechis diinqaa jalqabeeti malkaa wal-geetti ummata bal’atti tokkummaan irreeffatamas jedhaniiru.

“Nooriin manaa baati” jedhan mammmaaksa Oromootin. Na ofkalchiin manaa baha Oromoon.

Maatiin manatti waliin irreeffatee, ollaa waliin dirree karraa duraatti irreeffatee, gosti tokkummaan araddaa malkaa qe’eetti irreeffata jedhan Abbaan Gadaa Hundee Bayyanaa.

Sana booda malkaa waliigalaa Hora Finfinneefi Har-saditti ummanni bal’aan osoo sabaafi sab-lammootni hin hafiin tokkummaan bahanii irreeffatu jechuudha.

Maarree Malkaan Irreechaa Ulfoodha!

Shuumii Badhaasootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply