Ijaarsa Akkaadamii Baaburaa Bishooftuutiif dhagaan bu’uuraa Ministira Geejjibaafi Loojistiksii Dr.Alamuu Simeetiin kaa’ameera.
Geejjiba biyyattii si’ataafi Sadarkaa addunyaatti dorgomaa taasisuuf hojiin seena qabeessa hojjachaa jiraachuu kan himan Dr.Alamuu Simee, Akkaadamichatti dhaloota biyyarra darbee addunyaafis tajaajilu kan itti leenji’an ta’uu himan.
Geejjibni biyyattii waggoota dheeraaf xiyyeeffannoo dhabuun, dhaloota damicharra hojjatu biyya alaatti erguun Leenjisaa turuu kan himan Ministirri Geejjibaafi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee Akkaadamichi rakkoo gama kanaan bubbulee kan furu ta’uu himuun, addatti lammiilee heddduuf carraa hojii kan itti uumamuudha jedhan.
Hojii raawwachiistuu Olaantuun Daandii Baabura Itoophiyaa Injinar. Hilliinaa Balaachoo Akkaadamiin Baaburaa Bishooftuu mana barnoota qofa osoo hin taane, Sadarkaa Guddina Dinagdee biyyattii kan dhugoomsudha jedhan.
Magaalichatti Pirojektoonni gurguddoon maqaa biyyaa olkaasan hojjatamaa jiraachuu kan himan Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa Korporeeshiinii Daandii Baabura Itoophiyaa Akkaadamii baaburaa Bishooftuutti ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’uun Guddina Magaalattiin eegalte akka tumsu himan.
Bulchiinsi Magaalichaa xumura Pirojektichaaf tumsaafi hordoffii barbaachisu kan taasisu ta’uu dubbataniiru.
Namoomsaa Baalliitu gabaasee.