Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr.) “Ijaarsa hidha haaromsaa waan jalqabsiisaniif Minisitira Muummee Duraanii Obbo Mallas Zeenaawwiif galatatu malaaf” jechuun kaleessa marii dhimma xumuramuu ijaarsa hidha haaromsaa guddicha ilaalchisuun Gubaatti Gorsaa dhimma hawaasumaa isaanii Diyaaqon Daani’el Kibrat waliin marii taasisan irratti ibsanii jiru.
MM duraanii Mallas Zeenaawii haala mijataa ture fayyadamuun hidha haaromsaa jalqabsiisuu isaaniif galateeffatamuu akka qaban dubbataniiru.
Kun tarkaanfii sirrii bulchaa biyya tokkorraa eegamu ta’ee ibsamuu akka qabu kan eeran Ministirri Muummee, Obbo Mallas ijaarsi pirojektichaa eegalee waggaa isaatti lubbuun darbuu isaanii yaadachiisan.
”Sanas ta’u garuu hidha haaromsaa jalqabsiisuu isaanii qofaaf galata argachuu qabu, gatiinsaanii beekamuu qaba,” jechuun MM Abiyyi (Dr.) dubbataniiru.
Obbo Mallas erga boqotanii aangoo kan qabatan Ministira Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyis hojii ijaarsa pirojektichaa itti fufsiisuu isaaniif galateeffamuu akka qaban kaasaniiru.
Dabalataanis, Kaampaaniin Saalinii yeroo dheeraaf hojicha qabatee ture, akkasumas maatiin Peetiroo isa booda hojicha itti fufsiise galateeffamuu akka qabu ibsan.
Peetiroon hojii hidhoota biroo 10 ta’an irratti illee hirmaachaa jiraachuu ibsuun, hojjattootni waggoota 14 guutuu haala rakkisaa danda’anii hojicha asiin ga’an akka galateeffamuu qaban ibsan.
Injifannoo gootummaa olaanaa kanneen galmeessan keessaa gaazexessitoota waggoota kana hundumaa ‘nan nuffe nan dadhabe’ osoon jedhin afaanota garaa garaan waa’ee Hidha Haaromsaa addunyaa beeksisaa turanis galateeffataniiru.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Miseensotni Raayyaa Ittisa biyyaafi poolisii, qaamolee kallattiinis ta’e al kallattiin ijaaramuu hidha haaromsaaf deggersa taasisan akkasumas diyaaspooraafi lammiilee biyyaa hundumaa xumura irra gahuu Hidha haaromsaaf gumaacha godhan hunda galateeffataniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin