Ijaarsaafi Guddina biyyaa keessatti gumaachi dubartootaa Olaanaadha ta’uu Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubbatan

You are currently viewing Ijaarsaafi Guddina biyyaa keessatti gumaachi dubartootaa Olaanaadha ta’uu Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubbatan

AMN PLUS- Waxabajjii 1/2017

Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubartoota Kutaalee magaalaatti hunda irraa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.

‎Marichis ” Ga’ee Dubartootaa Badhaadhina Hundagaleessaf “mata duree jedhun taa’ame.

‎Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ijaarsaafi guddinaa biyyaa keessatti gumaachi dubartootaa olaanaadha jedhan.

‎Dubartoonni magaalaattii milkaa’ina nageenyaafi misoomaa magaalaatti keessatti Hirmaannaa olaanaa taasisaa akka jiraniifi, hojiilee misoomaa irraas fayyadamaa jiru jedhan.

‎Dubartoonni maricharratti hirmaatan hojiilee misoomaafi namoomaa magaalaattii keessatti hojjatamaa jiraniirra fayyadamoo taa’aa jiraachuu waltajjicharratti ibsaniiru.

‎Dhiibbaa qaala’insi jireenyaa dhaqabsiisu furuuf bulchiinsi magaalichaa Hojii bal’aa hojjachaa jira, hojii kana cimsee itti fufuu akka qabu dubartootni kunneen gaafataniiru.

‎Kantiibaa Adaanech tarkaanfii rakkoo qaala’insa jireenyaa furuuf taasifamun dabalata, hawaasni omishaafi omishtummaarratti hirmaachuu akka qabu dhaamaaniiru.

‎Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply