Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu eegala

You are currently viewing Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu eegala

‎AMN PLUS- Fulbaana 8/2018

‎Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu Baatii Sadaasaa dhufu akka eegalamu Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw ibsan.

‎Obbo Masfin pirojektiin Meeggaa kun indastirii aviyeeshinii Itoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisu beeksisaniiru.

‎Ijaarsi pirojektichaa Tajaajila Geejjiba Xiyyaaraa Afrikaa irratti Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gumaacha taasisaa jiru daran akka guddisu himanii jiru.

‎Ijaarsa eegaluufis haal-dureewwan akka kontiraaktaroota filachuu, jiraachuu dubbataniiru.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad, Pirojektoota Meeggaa Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti eegaltu keessaa tokko ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu akka ta’e, Qaammee 4 Bara 2017 eebba Hidha Haaromsaa irratti beeksisuun isaanii ni yaadatama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply