Imala jijjjiiramaatiin abbootii qabeenyaaf carraan invastimantii bal’ateera.

You are currently viewing Imala jijjjiiramaatiin abbootii qabeenyaaf carraan invastimantii bal’ateera.

‎AMN PLUS-Sadaasa 16/2018

‎Abbootii qabeenyaa biyya keessaaf carraa Invastimantii baballisuuf qabatamaan hojjetamaa akka jiru ibsame.

‎Fooramiin Gabaa Kaappitaalaafi Abbootii Qabeenyaa Maatii Daldalaa Itoophiyaa 3ffaan Magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.

‎Kaayyoon fooramii Kanas addunyaa daldalaa ammayyaa keessatti tarsiimoo Dhaabbile daldala maatii ijaaruufi walitti dhufeenya michoota daldalaa ciccimoo itti fufsiisuu akka ta’e ibsameera.

‎Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa ariifataa keessa jiraachuu kan himan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa Xilaahun Ismaa’il (PhD), “hirmaannaan invastaroota biyya keessaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun isaa jijjiiramichi caalaatti akka ariifatuu taasiseera” jedhan.

‎Rakkoolee maatii daldalaa mudatan furuuf hojimaatni haaraa akka qophaa’e kan himan Dooktar Xilaahun, hordoffii fi deeggarsi barbaachisaa ta’e kennamaa akka jirus kaasaniiru.

‎Jijjiirama dinagdee Itoophiyaa keessatti gumaachi maatii daldalaa olaanaa akka ta’e kan kaasan Atileet Haayilee Gabrasillaaseen, itti fufiinsaafi bu’a qabeessummaa isaatiif dinagdeen iftoominaa fi sirnaan hogganamuu akka qabu dubbataniiru.

‎Fooramiin hawaasa maatii daldalaa kunis abbootii qabeenyaa sochii kana keessatti hirmaatan walitti fiduun muuxannoo akka waliif qoodan akkasumas qormaata waloo irratti tumsaan hojjatanii guddina dinagdee Ityoophiyaa keessatti gumaacha akka taasisanif ta’uu eerameera.

‎Mahaammad Toofiqitu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply