Ingilaandi godaansa seeraan alaa hambisuuf lammiileen hundi waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa dirqama taasisuuf jirti

You are currently viewing Ingilaandi godaansa seeraan alaa hambisuuf lammiileen hundi waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa dirqama taasisuuf jirti

‎AMN PLUS- Hagayya 28/2017

‎Ingilaandi godaansa seeraan alaa hambisuuf lammiileen hundi waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa fudhachuu akka qaban Minisitirri Muummee biyyatti Sir Keeyir Staarmer himan.

‎Dubbi himaan Muummee Ministiraa biyyattii waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa kana hojiirra oolchuun kan barbaadameef godaantota seeraan alaa daddabarsa maallaqaa seeraan alaa keessatti hirmaatan ittisuuf yaadamee akka ta’e ibsanii jiru.

‎Mootummaan Paartii Labour’iin durfamu waraqaa eenyummaa dijitaalaa jalqabaa bara 2009 hojii irra oolchuuf yaaleemee akka ture ‘The Telegraph’ gabaaseera.

‎Haa ta’u malee, paartii yeroo sana biyya bulchuun bilisummaa lammiilee siiviilii dhiiba jechuun waan mormeef haqame.

‎Ingilaand biyyoota Awurooppaa muraasa sirna waraqaa eenyummaa biyyaalessaa hin qabne keessaa tokko yoo taatu, kun ammoo hojiin daddabarsa maallaqaa seeraan alaa akka dagaagu taasiseera jedhama.

‎Kanaan Wal qabatee Ingilaand godaantota seeraan alaa akka hawwattu taasisuun isaa ifoomeera.

‎Istooniyaan biyyoota addunyaa sirna waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaaleessaa sadarkaa ol aanaan hojii irra oolchan keessaa ishee tokko dha.

‎Itoophiyaan waraqaan eenyummaa dijitaalaa biyyaalessa hojii irra oolchuuf hojjataa jirti.

‎Waraqaan eenyummaa biyyaalessa dijitaalaa nama tokko adda baasuudhaan waliin dhayinsa hir’isuun seera qabeessummaa cimsuuf faayidaa guddaa qaba jedhameera.

‎Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 23 caalan waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaaf galmaa’uu isaanii ragaaleen ni agarsiisu.

‎Tolasaa Mabiraateetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply