Innisheetivii 30-40-30 babal’isuun imala badhaadhinaa milkeessuuf ni hojjenna- Qonnaan Bultoota

You are currently viewing Innisheetivii 30-40-30 babal’isuun imala badhaadhinaa milkeessuuf ni hojjenna- Qonnaan Bultoota

AMN PLUS Sadaasa 11/2018

Tuutni Miidiyaalee Guyyaa Ayyaana Saboota sablammoota Uummattoota Itoophiyaa Sadaasa 25 irraa Eegalee Naannoo Gidduu Galeessaa Itoophiyaatti Kabajamu sababeeffachuun hojiilee Misoomaa Godina Yemetti hojjetaman daawwataniiru.

Iddoowwan seenaa qabeessaa, hawwata turistii, Hojii Eegumsa Naannoo, misooma Kuduraalee fi fuduralee Godina Yeem aanaa Tobbaa ,Foofaa fi aanaa Darii saajaatti argaman tuuta miidiyaalee kanneeniin daawwatamaniiru.

“Innisheetivii 30-40-30″jedhuun qonnaan bultoonni waldaan Gurmaa’anii Kuduraalee fi fuduraalee garaa garaa Oomishaa jiru.

Innisheetiviin 30-40-30 Qonnaan bulaan tokkko bara jalqabaa biqiltuu 30,bara itti aanuu 40 bara 3ffaa immoo biqiltuu 30 dhaabuun namni tokko salphaatti kuduraa fi fuduraa 100 akka qabatuu taasisuun isaa ibsameera.

Lafti Paappaayaa fi Muuziin irratti oomishaa jirun kun waggoottan hedduuf jireenyaafis ta’e oomishaaf mijaata miti jechuun naannaawaa dagatamee ture ta’uu himaniiru.

Yaadamaa Paartii Badhaadhinaa lafti kamuu hagabuu buluu hin qabu jedhuun waggaa lamaan dura naannawaa kana Kuduraalee fi fuduraaleen misoomuun kan eegalame ta’uu kaasaaniiru.

Innisheetivii kana babal’isuun imala badhaadhinaa mirkaneessuuf kutannnon kan hojjetan ta’uu qonnaan bultoonni kunneen himaniiru.

Mangashaa Daargeetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply