Irreecha bara 2018 karaa duudhaa, Safuu, olka’insa biyyaafi Haaromsa Aadaa milkeessuun kabajuuf hojiileen gurguddoon hojjetamuu Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu ibsan.
Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24fi Hora Arsadee Fulbaana 25 kabajamu ilaalchisee ibsa kan kennan yoo ta’u, kallattii Abbootiin Gadaa kennan irratti hundaa’uun qophiin taasifamuu himan.
Sosochii Haaromsa aadaa akka naannoo Oromiyaatti eegalameen malkaahhanhaaraan 256 saaqamuun irreeffatamuu eegaluu himan.
Ayyaana Irreechaa duudhaa isaa eegsisuun alatti bu’aa Diinagdeefi Hawaasummaa keessatti humna inni qabu qixaan itti fayyadamuuf akka hojjatamaa ture beeksisaniiru.
Marii Uummataa, Hojii Qophii Bakka Irreechi Kabajamuu, loojistikiifi keessummeessaa akkasumas Baazaariifi Egzibiishinii Irreechaa irratti xiyyeefatamee hojjatamaa akka ture ibsaniiru.
Dabalataanis Agarsiisa Aadaa, Fooramii Irreechaa 7ffaa, Bareedduu Irreechaafi Konsartiiwwan Irreechaa qophaa’anii ayyaanicha caalmaatti balballoomsuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibsaniiru.
Kana malees, Ayyaanicha Sabaafi sablammoota kallattii hunda irraa dhufanii Irreecha kabajaniif sirni simannaa gahaan qophaa’uu eeruun, keessummoota Biyyoota Ollaa kanneen akka; Keeniyaa, Somaaliyaa, Ugaandaafi Jibuutiirraa waamichi taasifameef Har’a gara magaalaa Finfinnee seenaa akka dubbataniiru.
Ayyaana Irreechaa sosochii diinagdeef mootora haaraa ta’ee jiru caalmaatti madda galii taasisuuf dhaabbileen Daldalaa 310 ol oomisha isaanii akka dhiyeeffatan ta’uu ibsaniiru.
Mangashaa Daargeetu gabaase