AMN PLUS- Onkololeessa 02/2018
Irreechi Caffee Tumaa bakka Abbootiin gadaa, Haadholiin Siinqe, foolleefi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti kabajame.
Irreechi Mallattoo jaalalaa, tokkummaafi nageenyaa kan oromoon bacaqii gannaa keessaa bahuun booqa birraa gahuu ittiin ibsatu ta’uu sirnicha irratti himameera.
Irreechi sirna galateeffannaafi araaraa ta’uu qaamoleen hawaasaa sirna irreeffannaa kana irratti hirmaatan AMN PLUS’tti himaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase