Irreechi Hora Finfinnee haala miidhagaa ta’een ofkalleerra- Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

You are currently viewing Irreechi Hora Finfinnee haala miidhagaa ta’een ofkalleerra- Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

AMN PLUS – Fulbaana 24/2018

Irreecha Hora Finfinnee Bara 2018, Hojii Misooma Kooridariitiin kan misoome Doloolloo Buddeenaa Ykn Paarkii Irreechaarratti, Burqaa Qulqulluu ganamaatti haala miidhagaan Irreeffachuun ofkaluu Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Ibsan.

Uummanni Oromoo Obboloota isaa Sabaa fi sablammoota waliin tahuun, Ayyaana Irreechaa Bara 2018 Finfinnee Bareeddee fi Qulqulliifte keessatti waan kabajanneef, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Qaamolee Hojicha irratti hirmaatan mara ni galateeffanna jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

Biyya abbaatu miidhekfata waan ta’eef, Ijoolleen Abbaa Gadaa bakka Irreeffannaa ganamaa Doloolloo Biddeenaa bifa hawwataa fi miidhagaa ta’een waan hojjetaniif, Waggoota 160 booddee uummanni Oromoo burqaa Qulqulluu ganamaatti akka Irreeffatu taasifameera kan jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa Addatti, Ministira Muummee Dr Abiya Ahimadiifi Kantiibaa Magaalaa Finfinnee akkasumas Qaamolee hojicha keessatti qooda fudhatan galateeffataniiru.

Ayyaanichi karaa duudhaa fi seera isaa eegeen nagaan akka goolabamuuf qaamolee shoora olaanaa bahatan hunda Galateeffataniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply