Irreechi Hora Wancii kabajameera

You are currently viewing Irreechi Hora Wancii kabajameera

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 01/2018

‎Irreechi Hora Wancii Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti kabajameera.

‎Irreechi hora Wancii bakka abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, akkasumas kutaaleen hawaasaa adda addaa argamanitti haala duudhaa isaa eegeen kabajamuu isaa ibsi KMO erge ni mul’isa.

‎Irreechi duudhaalee gurguddoo nagaa, jaalalaafi tokkummaa, araaraa fi dhiifama ofitti hammate torban har’aa Fulbaana 24, Hora Finfinneetti, Fulbaana 25 ammoo Hora Harsadeetti haala ho’aan ta’een kabajamuun isaa ni yaadatama.

‎Akkaataa Abbootiin Gadaa eyyemanitti Irreechi bakkeewwan garaa garaa Oromiyaafi naannolee akkasumas biyyoota Alaa keessatti kabajamuu itti fufa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply