Irreechi iccitii uumamaatiin namaafi uumaa kan walitti araarsuudha- Obbo Hayiluu Addunyaa

You are currently viewing Irreechi iccitii uumamaatiin namaafi uumaa kan walitti araarsuudha- Obbo Hayiluu Addunyaa

AMN PLUS – Fulbaana 20/2018

Irreechi iccitii uumamaatiin namaafi uumaa kan walitti araarsuudha jedhan Hogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.

Mariin Gumii Balal marsaa 45ffaan mata duree “Irreechi Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun mari’atamuu eegaleera.

Maricharratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Irreechi iccitii uumamaatiin namaafi uumaa kan walitti araarsuudha jedhan.

Ireechi bara kanaa kan kabajamus yeroo itti Itoophiyaan milkii hedduu argachuun dabarsitetti ta’uun ammoo adda isa taasisa jedhan.

Marii kana irrattis hayyoonni Yuuniversiitii garaagaraa irra dhufan yaadota ka’umsaa dhiheessuun irratti kan mari’atamu ta’a.

Wangeel Faqqadaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply