Barreessaafi Qorataan Sirna Gadaa Obbo Jamjam Uddeessaa Irreechi hambaa Kiliyaa addunyaa ta’ee UNESCO irratti galmeessuuf ulaagaan daangessuu akka hin jirre dubbataniiru.
Obbo Jamjam turtii addatti AMN Plus waliin taasisanii, Irreechi sirna guddaa galateeffanaa Oromoo qofa osoo hin taane, faayaa Afrikaa hundaati jedhan.

Sirni jabaan akkanaa addunyaarras waan jiru miti kan jedhan Obbo Jamjam Uddeessaa sirnoonni darban aadaafi duudhaa ummataa kana cunqursuuf yaalus itti wareegamee tikfatee asiin gaheera kana booda dhaloota har’aatu eenyummaa Irreechaa addunyaa barsiisaa jedhan.
Irreechi ulaagaa hambaa Kiliyaa addunyaa UNESCO irratti galmessuuf barbaachisu hundaayyuu kan guuttate waan ta’eef hayyooonni Oromoo dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu qabu jedhan.
Irreecha Hambaa Kiliyaa addunyaarratti galmeessuuf adeemsa yeroo sirni Gadaa keessa darbe hordofuunis barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.
Namoomsaa Baalliitu gabaase