“Irreechi ulfoo Oromoo olka’insa biyyaa utubudha!” Shimallis Abdiisaa, PMNO

You are currently viewing “Irreechi ulfoo Oromoo olka’insa biyyaa utubudha!” Shimallis Abdiisaa, PMNO

Guddinaafi dagaaginni; bu’uurri badhaadhina biyyoota milkaa’anii yoo qaacceffamu, dhuki seenaaf seeneffama isaaniis yoo qoratamu; ka’umsi isaanii falaasama mandhalee beekumsa xabboo ganamaaf iddoo kennanii qorannoofi qo’annoon sirnoomsuun daandii guddinaa akka saaqqatan agrsiisa. Falaasamni jiruufi jireenyaafi imalli qaroomina isaanis kan mul’isu duudhaa ganamaa qorannoon kurfeessanii riqicha boqonnaa tokkorraa gara boqonnaa haaraatti ceesisu taasisuun lammilee tokkoomsanii dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa isaanii haaromsaa; dhugaa waloo ijaarrachaa guddachuu isaanii kan mul’isudha.

Gara keenyatti yoo deebinus, qabeenya beekumsa xabboo ganamaa falaasamaawwan dhugaa jiruufi jireenya ilmoo namaa qajeelchan; hariiroo uumaafi uumamaa taaligan jajjaboo Oromoon Addunyaaf gumaache keessaa Irreechi ulfoo guddadha. Oromoon dukkanni Gannaa darbee jalqaba waggaa haaraatti gubaa gubee Masqala waatiifi maatiin ollaafi biyyaan ayyaaneffachuun Waaqa iccitii isaan bara maree fidee maree dabarsu, hamtuufi moomattuu hanqisee waggaa haaraa nama badhaasu kumaa kitalaan timmisee malkaatti ba’uun jiidha qabatee Irreeffachuun ni galateeffata; gocha dinqisiisaa uumaas ni raajeffata, mareewoofi gabbisaayyoonis ni faarfata. Kanaanis jiruufi jireenya isaa qajeelfata, dhuka yeroo beekumsaan lakkaa’ee dhaha isaa xiinxalee waaqa yeroo maree fidee dabarsu eebba waakkii malee nama badhaasu safeeffata.

Kabajamaa uummata Oromoo; Ganni dabree Birraan bari’eera. Muuda booqaa Birraa muuddannee; ibsaa Masqalaa ibsinee Irreeffannaa Malkaaf geenyeerra. Uumaan keenya dukkana Gannaa waatiif maatii, alaaf manaan ofkalchee kan facaafnes kumaaf kitilaan ija naqee dachaan nu eebbiseera. Birraa ifaaf miidhagina uumamaan faayamettis milkiin nu ceesisee akka jiidha qabannee, ulfoo naqannee malkaatti baanee galateeffannu kan nu taasise uumaan keenya galanni kan isaati!

Uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2018 nagaan geessan; baga waliin geenye jechuun ergaa gammachuu wayiitan isiniif dabarsu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.

Kabajamoo uummata keenyaa!

Irreechi fo’aa cimaa hawaasummaa jabeessu; icciitii uumaafi uumamaa hubachiisee walooma ilma namaa mirkaneessu, ulfoo eenyummaa Oromoo olkaasee mul’isudha. Kana malees, deemsa yeroo waggaa maree dhufe keessatti injifannoo bulfatanii baatu baatee faallaa duudhaafi safuu jiru hooddachuun egereef faloon falamee waggaa haaraaf wayyoomni lallabamu ardaa jilaa guddaa keessummeessinudha. Irreechi ilaalchaafi gocha faallaa duudhaa irreeffannaa ta’e of duraa maksuun faajjii Oromoo Oromummaa isaatiin keessummeessu; saboota dabalachaa obbolummaas jabeeffachaa duudhaa hammannaafi jaalalaan hunda araarsaa ayyaana guddicha Itoophiyaa boonse Addunyaas raajeffachiise ta’uu danda’eera. Kanaafis hiddaafi hundeen kabajamaan uummata keenyaa kaan gorsaa kaaniif obsaa saba olka’iinsa saffisa guddaan dabalaa dhufe ta’uu keessaniif Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa isiiniif dhiyeessa.

Imala keenya waggoota torban darbee wayiita madaallu dhugaan Oromoo injifateera; duudhaa hammannaa qabuunis milkaa’eera. Irreechi bara kanaa milkiin nuuf bari’ee, injifannoon olka’iinsa biyyaas labsameera. Uummatni Oromoo saba safuun masakamee seeraafi sirnaan hogganamee biyya hundaaf hundarraa hundaaf ijaaru ta’uu diinaafis ta’e firaaf mirkaneessuu danda’eera.

Mootummaan keenya imala duudhaa ganamaatti deebi’uu eegaleen dhibdeewwan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa fayyisuuf tarkaanfilee addaan humnoota waloo hojiirra oolcheera. Kanaanis haqa waloof Mana Murtii Aadaa labsuun uummanni keenya haqasaa akka argatu, misooma waloo cimsuuf tajaajila lammummaan akka wal utubu, rakkoo hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaan akka wal hirphuufi nageenya waloof Gaachana sirnaan ijaaramee aggaammii diinaa akka waliirraa qolatu taasifameen qormaata uumamaafi namtolchee hedduu akka sabaatti damdamannee ceenee wal ceesisuu dandeenyeerra. Galma keenya isa guddaa Oromiyaa ijaarree, Itoophiyaa utubnee gaanfa Afriikaa tasgabbeessuuf biyya jabaafi mootummaa cimaa qormaataaf hin jilbiiffannetu bifa tarsiima’aan ijaaramaa jira.

Diinni keenya hiyyummaa, wallaalummaafi boodatti hafummaadha. Kanaaf halkaniifi guyyaa aarsaa kaffallee injifannoo dhiigaan gonfanne dafqa keenyaan dabaaluun birmadummaa biyyaa guutuu taasisuufi kabaja saba keenyaa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jirra. Barii Birraa jal bultii Ayyaana Irreechaatti pirojektiin copha dafqaafi copha dhiigaa uummata keenyaan ijaarame milkiin xumuramee abdiirraa gara ifa qabatamaatti ce’uu keenyas nuuf mirkaneesseera. Kanaanis Itoophiyaan Injifachuu ishee labsiteetti. Ajandaan keenyas Hidhaa Haaromsaarraa gara Ulaa Galaanaatti tarkaanfateera. Barii Birraatiin injifannoo olka’iinsa biyyaa dhugoomsuu kan dandeenye qofas osoo hin taane pirojektoota gurguddoo badhaadhina biyya keenyaa sadarkaa olaanaatti ceesisan labsuun yeroo itti danda’ame ifa qabatamaaf kan bu’uurri itti kaa’amedha.

Qormaatota rogdaneessa bifa tarsiima’aan qolachaa, injifannoo argannes bulfachaafi hiyyummaan qaanii badhaadhinni qananii ta’uu gochaan dhugoomsaa gara badhaadhinaatti saffisa olaanaan imaluu akka ergama guddaatti qabannee hojjechaa jirra. Kanaafis uummatni keenya ga’ee isarraa eegamu hunda hanga aarsaa lubbuutti kaffaluun hiyyummaafi boodatti hafummaa keessaa ba’uuf hojjechaa jira. Imala waggoota Torban darbee bifa tarsiima’aan imalameefi rifoormii mandhalee hojiirra oolfameen galma qabanne dhugoomsuu akka dandeenyu mirkaneessineerra.

Cabiinsa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan biyya mudate qolachuuf kallattii Muummichi Ministeraa keenya Dr Abiyyi Ahimad kennan qabannee uummata keenya qindeessinee rifoormii jalqabneen raajii hojjechuu dandeenyee jirra. Biyyi keenya bakka kaleessaafi akka kaleessaatti hin jirtu. Seenaan jijjiiramaa, dhageettiin ishees waltajjii Idil Addunyaatti kabaja horachaa dhufeera.

Irreechi waggaa waggaan kabajamu boo’icha irraa gara moo’ichaatti ce’uun ardaa jilaa miidiyaaleen Idil Addunyaa dhugaasaa seenessan, qorattootni ajandaa qorannoo taasifataniifi Tuuristootni itti timmisan ta’uu danda’uun ragaa guddaadha. Ejjennoon keenya qabeenya dilbii qabnu fayyadamnee uummata keenyatti kabaja deebifnee badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Seenaa dabe sirreessinee Seenessa waloo ijaarree Itoophiyaa hunda keenya mul’iftu, hundarraa hundaan hundaaf ijaarree galma waloo dhugoomsuudha.

Irreecha keenya haaromsa aadaa keenyaaf oolchuun yaada tarkaanfataa qabannee obbolummaa sabdaneessaa cimsaa imala keenya gama hundaan fiixaan baasuuf hojjenna. Irreecha irree diinaa cabsee; keessaafi alatti kabajaaf ulfina horate nagaafi nageenya isaa tikfannee, safuufi duudhaa keenyas kudhaammannee kabajuun seera. Irreechi haaromsa aadaa kan milkeessuufi tokkummaa biyyaalessaas kan jabeessu ayyaana waloomaa ta’uu isaa irree gamtoomeen irra deebiin Addunyaaf raggaasisuun imala Irreecha galmee ‘UNESCO’ tti galmeessuuf taasifamaa jiru milkeessuu qabna. Kanaafis Mootummaan Naannoo Oromiyaa tumsaafi deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu yoo ta’u; keessummoota biyya fagoofi dhiyoo akkasummas saboota ollaa keenyaa ayyaanicha irratti hirmaachuuf gara naannoo keenyaa dhuftan maraan anaa dhufuu baga nagaan dhuftan jechuun barbaada.

Ayyaanicha irratti hangafaa quxusuun malkaatti yaanee, Ulfoo ulfina Oromoo godhannee, jiidha qabannee uumamaan uumaa galateeffachuuf miliyoonota hedduun baanee sirnicha miidhaksuun cinatti Ummata Addunyaas akka raajeffachiifnu waamichan isiniif dabarsa. Birraan kan quufaaf gabbinaa, Irreechi kan olka’iinsa biyyaa nuuf haa ta’u!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina,

Waaqayyos nu gargaara.

Shimallis Abdiisaa

Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Fulbaana, 2018

Finfinnee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply