AMN Onkololeessa 8, 2017
Israa’eel haleellaa gareen Hawutii naannawa Galaana Diimaatti geessisu qolachuuf Somaaliilaanditti Buufata Waraanaa ijaaruu akka barbaaddu gabaafame.
Akkasumas nageenya Galoo Baab Il-mandaabi eeguufi yakkoota naannawichatti raawwataman ittisuuf ijaarti jedhameera.
Kanaafis Israa’eel Somaaliilaandiif beekamtii kennuun hariiroo dippiloomaasii kan uumtu ta’uu ‘Middle East Monitor’ gabaaseera.
Afrikaa Bahaatti Naannawaa tarsiimowaa keessaa tokko kan taate Somaaliilaandi, daddabarsi daldala Galaanaa addunyaa keessaa tokko 3ffaan bakka itti raawwatuudha jedhame.
Nageenya Galaanaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa, yakka shororkeessummaa fi kanneen biroo to’achuuf bakka ijoo ta’uu ibsameera.