Israa’el Lammiilee ugguraman gadi lakkisiisuuf marii eegaluufi jetti

You are currently viewing Israa’el Lammiilee ugguraman gadi lakkisiisuuf marii eegaluufi jetti

‎AMN PLUS – Hagayya16/2017

‎Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamin Netaaniyaahuu lammiilee isaanii Gaazaatti ugguraman lakkisiisuuf marii gaggeessuuf qophaa’uu isaanii ibsan.

‎Waraanni Israa’el Gaazaa akka to’atuuf kaabineen isaanii karoora ba’e raggaasisuu isaa hordofeeti, Netaaniyaahuun kana kan beeksisan.

‎Wiixata darbe jaarsummaa Ijiptiifi Kaataariin waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyoota 60’f kaa’ame Haamaas simatus gama Israa’eliin garuu waliigaltee irra hin ga’amne.

‎Raayyaan ittisaa Israa’eel Gaazaa to’achuufi Hasmaasiin hamma dhumaatti balleessuuf karoora ba’e akka raggaasisus beeksiseera.

‎Netaaniyaahuun tarkaanfii itti aanu irratti ibsa osoo hin kennin, Haamaasiin yeroo dhumaafi injifachuufi lammiilee isaanii ugguramanii jiran gadi lakkisiisuuf hojiilee wal faana hojjataman ta’uu beeksisaniiru.

‎Israa’el dhukaasa dhaabuuf waliigalteerra kan geessu yoo ugguramtootni hunduu yeroo tokkotti yoo gadi dhiifaman qofa akka ta’e beeksisteetti.

‎Dabalataanis, waraanichi akka dhaabbatuuf Haamaas hidhannoo hiikkachuu, Gaazaanis Israa’el jala seenuufi qaama 3ffaa Paalastaayiniin ala ta’e jalatti akka bultu karoorri dirqisiisu gama Israa’eliin ba’eera.

‎Naannawa Baha Gaazaatti kaleessa haleellaan kan raawwatame yammuu ta’u, ogeessotni fayyaafi dhaabbileen gargaarsaa namoota Gaazaa keessa jiraatan miliyoona tokko ta’an, gara naannawa Kibbaatti geessuuf akka qophaa’an Israa’el yaadachiisteetti.

‎Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi dhaabbileen gargaarsaa, namoota deemanis ta’an kan Gaazaa keessatti hafan gargaaruu irraa akka duubatti hin hafne beeksisuu isaanii BBC’tu gabaase.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply