Israa’el Gaazaa to’achuuf karoora baaste marsaa jalqabaan eegaluu himame.
Dubbi himaan loltuu Israa’el Birgaadeer Jeneraal Effie Defriin akka jedhanitti loltoonni Israa’eel haaluma karoora biyyattiin baafatteen hojii Gaazaa to’achuu eegaleen milkiin itti fufee jira.
Duula kana milkeessuuf biyyattiin humna eeggataa kuma 60 ta’aniif waamichi godhameefii akka jiruufi to’annaa kana yaroo gabaabaa keessatti akka xumuruuf jedhan dubbataniiru.
Duula amma eegalan kanaan magaalaa Gaazaatti dhiyoo Zeeyiitowuuniifi Kaampii Jabaliyaa seenuu ibsaniiru.
Karoora Beenjaamiin Neetaaniyaahuu kana kaabinee Nageenyaa Israa’eel ji’a darbe Gaazaa guutummaan to’achuu fi itti fufiinsaan lafa warra Filisxeem irratti qubsuma gaggeessuuf murteesse kun immoo seera Idil-addunyaa cabsuu fi yakka waraanaadha jechuun hedduun qeeqaa jiru.
Israa’eel garuu duulli kun Hamaas dhabamsiisuun mootummaa siiviilii hundeessuuf ta’uufi namoota nagaa bilisoomsuuf akka ta’e himti.
Israa’lonni kumaatamaan lakkaa’amanis hiriira bahuun Neetaaniyaahuun adeemsa nagaa akka simatu ugguramtooti akka gadi-lakkifamnii fi akkasumas karoora kana jijjiirsisuuf jecha dhaadannoo isaanii dhageessisaa jiraachuu Sky News gabaaseera.
Daraartuu Tarreessaatiin