Obbo Dammaqaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa salphisuuf tattaaffiin waliigalaa akka taasifamuuf gaafatan

You are currently viewing Obbo Dammaqaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa salphisuuf tattaaffiin waliigalaa akka taasifamuuf gaafatan

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa salphisuuf tattaaffiin waliigalaa akka taasifamuuf gaafatan.

Obbo dammaqaan yaa’ii waliigalaa dhaabbata mootummootaa gamtoomanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, Sagantaa Ashaaraa magariisaan tarkaanfiiwwan qabatamaa Itiyoophiyaatti fudhatamaa jiru ibsaniiru.

Obbo Dammaqaan haala qophii duraa Itiyoophiyaa irratti bal’inaan kan ibsan yoo ta’u, kunis akkuma bal’inni, ciminaa fi irra deddeebiin balaa dabalaa deemuun, imaammata jijjiiramaan deeggaramuu akka qabu akeekan.

Sagantaa ashaaraa magariisaan Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biiliyoonaa 32 dhaabuun akka danda’amee fi kanaanis faayidaa hedduu argamsiisuu himan.

Sadarkaa biyyaatti, naannawaa fi addunyaatti sirna akeekkachiisa duraa gahumsaa qabuu fi bu’a qabeessa ta’e hojiirra oolchuuf qindoomina, tumsaa fi deeggarsa maallaqaa barbaachisaa ta’e mijeessuuf tumsa idil addunyaa dabaluun barbaachisaa ta’uu dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review