Israa’eliifi Hamaas waliigaltee nagaa marsaa jalqabaa dhukaasa dhaabuuf isaan dandeessissu mallatteessuu isaanii Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ibsan.
Waliigaltee nagaa mallatteeffame kana “Seena-qabeessa akkasumas kan hin eegamne ture” jechuun dubbataniiru, Tiraamp. Biyyoota Baha-Giddu Galeessaatti nagaa fiduuf tarkaanfiin tokko fudhatamuu kaasaniiru.
”Addunyaaf, namoota hundumaaf guyyaan kun guyyaa addaati” jechuun qaamolee akka waliigalteen nagaa kun milkaa’uuf gumaachan hunda galateeffataniiru.
Akkaataa waliigaltee kanaan, Israa’el humna waraanaashee Gaazaa keessaa kan baastu yoo ta’u, hidhamtootni gama lamaanii illee gadi lakkifamu jedhameera.
Ugguramtootni Gaazaa keessa turan, gara Tel Aviv’tti deebi’uu isaaniin lammiileen Israa’el akka gammachuu isaanii ibsataa jiran hubatameera.
Israa’eliifi Gaazaa jidduutti waggaa lamaan kana banameen, lubbuun lammiilee Filisxeem Kuma 67 ol kan darbe yoo tahu, Kuma Dhibbaan kan lakkaa’aman godaansaaf saaxilamaniiru.
Waliigalteen nagaa marsaa duraa mallatteeffamus, hidhannoo hiikuu Hamaasiifi Humni waraanaa Israa’el Gaazaatii ba’uu wal qabatee, ammallee yaaddoon akka jiru gabaasni “The Telegraph” ni mul’isa.
Malkaamuu Abbabaatiin